Addunyaan yeroo na gatte sana, haadha kootu nawaliin hafe- Osmaan Dembelee

You are currently viewing Addunyaan yeroo na gatte sana, haadha kootu nawaliin hafe- Osmaan Dembelee

AMN PLUS- Fulbaana 12/2018

Taphataan kilaba PSG Osmaan Dembeleen badhaasa Baalaandoor bara 2025 injifateera.

Taphataan kun Kilaba Reensiitti mul’atee Borushiyaa Doortimanditti gahumsa ajaayibaa yeroo agarsiisu Baarseloonaan Paawondii miiliyoona 135.5’n isa mallatteessifate.

Kaampi Nuun garuu akka yaade isaaf hin taane. Miidhamni irra deddeebiin isa mudachuufi haga maallaqa itti bahe ga’umsa dhabe jedhamuun hedduu qeeqamaa ture.

Leenjisaan Baarseloonaa yeroo sanaa Shaavii Hernandez bara 2021tti waa’ee Dembelee yeroo dubbatu “Akka ga’umsa isaatti guyyaa tokko taphataa cimaa addunyaa ni ta’a ture” jedhe.

Maarree Dembeleen Meesii fa’a waliin yeroo taphatutti gaheen kilabicha keessatti qabaate xiqqaachaa deemuusaan bara 2022tti gara PSGtti jijjiirame.

Garuu haga Kiiliyaan Mibaappeen bara darbe gara Maadiriid deemutti shoorrii taphataa kanaa hin mul’anne ture.

Baruma Mibaappeen PSG gadhiisetti garuu, Dembelleen nama hangafaa ta’e. Miidhama malee bara dorgommiisaa xumure. PSG waliinis waancaa 4 kaase. Kunoo badhaasa dhuunfaa isaas harkatti galfate.

Badhaasa kana booda haasawa taasiseen, magaala dhalootasaa kaasee hanga kilaboota keessa taphate hunda galateeffate. Baarseloonaallee jechuudha.

Pirezidaantii kilaba PSG fi taphattoota miiltoo isaa yeroo kaasus “Badhaasni kun bu’aa gareeti” jedhe.

Yeroo addunyaan dugda itti garagalfatte ammoo haadha isaafi maatiin isa waliin akka dhaabbatanii hafan himuun addatti galateeffate.

Imimmaaniin hudhamaa “Haatikoo yeroo rakkoo hamaatti anaaf dhaabatte, maatiisheef dhiphatte, waa hedduu keessa waliin dabarreerra” jedhe.

Dhugumatti, yeroo kilaboonni abdii irraa dhaban, dhumateeraaf yeroo jedhanitti, gahumsa isaa hin fayyadamne jedhanii yeroo qeeqanitti inni garuu obsee ciniinnate.

Miidhama isa mudatu bayyanatee, gahumsa jedhame sanarra gahee moo’ate, qeeqxota isaa mara afaan qabachiise. Kubbaa warqee sanas kokkolfaa dhungate.

Tagany Bafiqaaduutiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply