Daamaraa Masqalaa boru kabajamu sababeeffachuun daandiiwwan cufaman ifooman

You are currently viewing Daamaraa Masqalaa boru kabajamu sababeeffachuun daandiiwwan cufaman ifooman

‎AMN PLUS- Fulbaana 15/2018

‎Ayyaana Daamaraa Masqalaa boru Finfinnee Addabaaba’ii Masqalaatti boru kabajamuuf Waaree dura sa’aatii 4:00 irraa eegalee daandiiwwan sochii tiraafikaaf cufaa ta’an ifoomuu Poolisiin magaalaa Finfinnee ibse.

‎Haaluma kanaan:-

‎Daandiin Addabaabayii Uraa’eelii gara Adabbaabayii Masqalaatti geessu Addabaabayii Uraa’eeliitti,

‎Daandiin Kallattii Booleen gara Addabaabayii Masqalaa geessu Addabaabayii Oloompiyaatti,

‌‎Daandiin Masqal Filaaweerii gara Olompiyaa geessu Addabaabayii Gaazeebootti,

‎Daandiin Siinimaa Agonaa gara Addabaabayii Masqalaatti geessu Addabaabayii Xilaahunitti,

‎Ibsaa Laga Harree irraa gara Addabaabayii Masqalaatti kan geessu ibsaa Laga Harreetti,

‎Qaxxaamura Teleerraa gara Istaadiyeemii kan geessu Qaxxaamura Teeleetti,

‎Hoteela Raas irraa gara Istaadiyeemii kan geessu Hoteela Raasitti,

‎Ibsaa Harraambee yookaa Siinimaa Ambaasaaddariin gara Addabaabayii Masqalaatti kan geessu, Ibsaa Harraambeetti,

‎Masaraa Biyyaalessaarraan gara Addabaabayii Masqalaatti kan geessu Masaraa Biyyaaleessaatti,

‎Sheelii Qarsaarraan gara Baambiis kan geessu, Sheelii Qarsaa cinaatti,

‎Hoteela Juppiitariin gara “ECA” kan geessu Gamoo Saalkootiitti kan cufamu ta’uu ibsameera.

‎Hanga sagantichi xumuramutti tajaajilamtoonni filannoo birootti fayyadamuu akka qabanis poolisiin beeksisuu isaa odeeffannoo Ajajni Waliigalaa Poolisii Magaalaa Finfinnee AMN’f erge ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply