Irreechiobbolummaafi tokkummaa biyyaaleessaa kan mirkaneessu guddina hawaasa diinagdee biyyaaf gumaachaa guddaa qaba jedhan Itti Aantuu I/G Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Finfinneefi Itti Gaafatamtuun Damee siyaasaa Aadde Alamtsahaay Shiifarraan.
Ayyaanaa Irreechaa hora Finfinneetti kabajamuuf jedhu sababeeffachuun jiraattoonni kutaa Magaalaa Boolee marii paanaalii gaggeessaniru.
Irreechaa Sirna galateeffannafi kadhannaa, Sirna araaraafi jaalalaa Oromoon addunyaaf gumaache ayyaana walooti jedhan Hojii Gaggeessa Olaanaa Kutaa Boolee Dr Isheetuu Lammaa.
Ayyaanni Irreechaa karaa duudhaa isaan akka kabajamuufi keessummoota dhufan simachuuf qophii gahaan taasifameras jedhan.
Itti Aantuu I/G Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Finfinneefi Itti Gaafatamtuun Damee siyaasaa Aadde Alamtsahaay Shiifarraan Irreechaa obbolummaafi tokkummaa biyyaaleessaa kan mirkaneessu guddina hawaasa diinagdee biyyaaf gumaachaa guddaa qaba jedhan
Hora Finfinneetti Irreechaa obbolummaafi jaalalaan kabajamuu kanaaf keessummoota dhufan simachuuf magaalaan Finfinnee qophii gahaa taasisuus himaniru.
Irreechi Saboota, sablammootaafi uummattoota biyyaatti kan waliitti fiduu ayyaanaa waloomaa ta’uus hirmaattoonni himaniru.
Dirribaa Yaadataatu gabaase