MM Abiyyi Ahimad (PhD) miidiyaa “Pulse of Africa” hojii eegalchiisan

You are currently viewing MM Abiyyi Ahimad (PhD) miidiyaa “Pulse of Africa” hojii eegalchiisan

AMN PLUS- Fulbaana 27/2018

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) miidiyaa diijitaalaa Paan Afriikaa, “Pulse of Africa” hojii eegalchiisaniiru.

Miidiyaa kana hojii eegalchiisuun odeeffannoo dharaa waa’ee Afriikaa miidiyaaleen addunyaa tamsaasan qolachuufi seeneffama dhugaa Afriikaa addunyaaf beeksisuuf tarkaanfii jalqabaa ta’uu Dr. Abiyyi himaniiru.

Afrikaan qabeenya kuufamaa hedduu fi bal’aa yoo qabaattellee yeroo hedduu gadaantuu fi dandeettii akka hinqabneetti ibsamaa turuu himan.

Kanarraa ka’uun, xiqqaa ta’us garuu hiikaa olaanaan jalqabbiin miidiyaa “Pulse of Africa”, yeroowwan itti aanaan keessaa miidiyaa adda dureetti daandiin ittiin guddatu faayidaa kan qabaatudha jedhan.

Afrikaan giddugala indaastirii fi hirmaattuu dhimmoota idil addunyaa ijoo ta’erra haala shakkii hinqabneen imalaa jiraachuu kan kaasan Dooktra Abiy, hundeeffamuun “Pulse of Africa” tarkaanfii fuuldura mil’achuu ta’uus eeran.

Bu’uura sagalee Afrikaa bal’inaa fi ciminaan waltajjii Addunyarratti dhageessisuus ta’uu dubbataniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply