Gabatee Konkolaataa Jijjiiruun maaliif barbaachise?

You are currently viewing Gabatee Konkolaataa Jijjiiruun maaliif barbaachise?

AMN Plus – Onkoloolessa 01/2018

Itoophiyaan Gabatee Konkolaataa Haaraa tibbana jijjiiruun maaliif barbaachise laata?

• Mallattooleefi gosoota Lakk. Gabatee Labsii Geejjibaa duraaniin kennaman waan ta’aniif haalli oomishaa, raabsaa fi dhabamsiisaa yeroon isaa barbaadu waliin kan hin deemne waan ta’aniif

• Waliigaltee Geejjiba ilaalchisee Itoophiyaan raggaasiste kan hin hammanne waan ta’eef

• Misoomaafi tajaajila geejjibaa addunyaan amma irra gaheefi gara fuulduraattis irra gahuuf deemu wajjin kan wal simu waan hin taaneef

• Kenniinsi tajaajila geejjibaa kan deddeebii qabu, qabeenyaafi yeroo kan mancaasu, tajaajilamaa ka hin quubsine, malaammaltummaafi rakkoo bulchiinsa gaariif kan saaxile waan ta’eef

• Cancalli oomishaafi raabsaa to’annoodhaaf mijataa ta’uu dhabuu

• Lakkoofsotni gabatee wal fakkaatoo ta’an Itoophiyaa keessatti waan baay’ataniif

• Konkolaataa dhabamsiifame/Inshuraansiin kan dhabamsiifame akka haaraatti caalbaasiin bituun akka galmaa’u waan taasifameef

• Biirowwan Geejjibaa baasii olaanaaf waan saaxileef

• Qabeenya biyyaa murtaa’aa ta’e sirnaan fayyadamuuf, gosootaafi mallattoowwan lakkoofsa gabatee konkolaattotaa akkaataa waliigalteewwan Itoophiyaan mallatteesitee jirtuun mallattooleefi gosoota, haala oomsiha lakk. gabatee, raabsaafi haala dhabamsiisaa ilaalchisee rakkoowwan mudatan furuuf

Dambiin 1050/2017 dhimma lakkoofsa gabatee konkolaataa irratti xiyyeeffatu raggaa’ee hojiitti seenameera.

Madda: Ministeera Loojistiksiifi Geejjibaa

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply