Baankiin Addunyaa misooma Itoophiyaa deeggaruuf kutannoo qabu mirkaneesse

You are currently viewing Baankiin Addunyaa misooma Itoophiyaa deeggaruuf kutannoo qabu mirkaneesse

AMN PLUS- Onkoloolessa 04/2018

Baankiin Addunyaa inisheetiivota misooma murteessoo Itoophiyaa deeggaruuf kutannoo qabaachuu Pirezidaantii Itti Aanaan Baankichaa Nidiyaamee Diyoop mirkaneessan.

Jilli Ministira Maallaqaa Ahimad Shideen durfamu Yaa’ii Waggaa Baankii Addunyaafi IMF irratti hirmaachaa jiraachuu Ministirri Maallaqaa ibsa AMN Diijitaaliif ergeen beeksiseera.

Jilichi Pirezidaantii Itti Aanaa Baankii Addunyaa Nidiyaamee Diyoop waliin marii bu’a qabeessa taasiseera.

Obbo Ahimad Shideen maricha irratti Baankiin Addunyaa deeggarsa misooma Itoophiyaaf taasisaa jiruuf galateeffataniiru.

Hiyyuma keessaa ba’uuf fooyyeffama diinagdee Itoophiyaan taasisaa jirtu irratti ibsa bal’aa laachuun, deeggarsi Baankichaa murteessaadha jedhan.

Pirezidaantii Itti Aanaan Baankii Addunyaa Nidiyaamee Diyoop baankichi fooyyeffama diinagdee Itoophiyaa kana deeggaruu akka itti fufu mirkaneessaniiru.

Sagantaa fooyyeffama diinagdee kana irratti hoggansa mootummaan Itoophiyaa kenneefis Mr. Diyoop galateeffataniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply