Ministirri Muummee Abiyyi (Dr.) har’a mana mare bakka bu’otaatti argamuun gaaffilee fi yaadota miseensonni mana maree kaasaniif deebii fi ibsa kennaniiru.
Cabinsa siyaasaa keessa nni tokko aadaa wal miidhuufi wal balleessuuti. Mootummaan tokko gara aangootti yoo dhufu osoo hin gurmaa’in yookiin osoo lafa hin qabatin balleessuuf yaaluudha jedhu.
Kunis seena mootota Itoophiyaa hedduu keessatti yaalameera jechuun Minisitirri Muummee ibsaniiru.
Inni lammaffaan yaadama sooshaalistii waliin dhukuba bal’inaan gara Itoophiyaatti dhufeedha. Rakkoon Itoophiyatti hordofsiises wal farrajuu, yookiin jubbuu akka ta’e Abiyyi (Dr.) ibsaniiru. Maqaa walxureessuu, waljibbuu diineffachuun aadaa turedha Kunis marii nageenyaaf iddoo hin kennu.
Kunis yaadama humnaan aangoo qabachuuf yaaluu hordofsiiseera. Rakkoon Itoophiyaa keessatti mul’atus kanuma. Humnoonni Mootummaa uummataan filatame kuffisuuf yaalan jiru. Kan nama gaddisiisu garuu kan isaan dararan uummata ni qabsoofnaaf jedhan ta’uusaati jedhaniiru