Aanaa Shanan Dhuggootti, balaa tiraafikaa dhaqqabeen lubbuun namoota 11 darbe

You are currently viewing Aanaa Shanan Dhuggootti, balaa tiraafikaa dhaqqabeen lubbuun namoota 11 darbe

AMN PLUS – Caamsaa 05/ 2017

Godina Harargee Lixaa Aanaa Shanan Dhuggootti, balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 11 darbuu Poolisiin Aanichaa beeksise.

Konkolaataan ISUZU lakkoofsi gabaatee SUM 3-05025 jedhamu Magaalaa aanichaa Waldaayaa irraa seeraan ala meeshaa gubbaatti nama 42 fe’ee osoo gara Aanaa Masalaa imalaa jiruu, Ganda Abbaa Amaan jedhamutti eda (04/9/2017) halkan keessaa sa’aatii 2:30’ttii daandirraa maquun hallayyaa meetiraa 50 hanga 70 gadi fageenya qabu bu’uun lubbuun namoota 11 battalumatti yoo darbu, namoota 28’rra immoo balaa cimaan mudachuu Waajjira Poolisii Aanichatti Itti Gaafatamaan Qorannaa Yakkaa Inispeektara Itti Aanaa Rabbirraa Ayyaalaa himaniiru.

Namoota balaan cimaan mudatees Hospitaala Sadarkaa jalqabaa Hirnaafi Hospitaala Waliigalaa Cirootti Yaalamaa jiraachuu Inispeektarri Itti Aanaan Rabbirraan himaniiru. Sababni balaa kanaas of eeggannoo dhabuufi humnaa ol fee’uu akka tahe himuusaanii OBN’tu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply