Abbaan Taayitaa Bulchiinsa Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa Magaalaa Finfinnee dhaabbilee itti waammamni isaanii Abbaa Taayitichaaf ta’an Waliin Biqiltuu dhaabaniiru.
Biqiltuu dhaabuun biyya dhaabuufi dhaloota itti fufsiiisudha kan jedhan Itti Aanaan Hojiraawwachiisaa ol’aanaa Abbaa Taayitichaa Obbo Biraanuu Abarraa, Abbaan Taayitichaatti Ganna kana biqiloota gosa adda addaa tajàajila garaagaraaf oolan Kuma 26 kan dhaaban ta’uu himaniiru.

Hojjettoonni dhaabbilee misooma mootummaa sagantaa dhaabbii Biqiltuu kana irratti hirmaatanis, karoorri biyya magariite dhaloota dhufu dhaalchisuuf qabame akka milkaa’uuf gahee isaanii bahaa jiraachuu himanii, isa dhaaban kanas kan kunuunsaan ta’uu dubbataniiru.
Sisaay Dirribaatu Gabaase .