Abbaan Taayitaa Kabachiisa Dambii Magaalaa Finfinnee alseerummaa bu’uuralee misoomaa fi weerara lafaa ittisuurratti hojii fakkenyummaa qabu hojjechuu beeksise

You are currently viewing Abbaan Taayitaa Kabachiisa Dambii Magaalaa Finfinnee alseerummaa bu’uuralee misoomaa fi weerara lafaa ittisuurratti hojii fakkenyummaa qabu hojjechuu beeksise

AMN PLUS- Waxabajjii 19/2017

Abbaan Taayitaa kabachiisa Dambii magaalaa finfinnee raawwii hojii bara bajataa 2017 fi kallattii bara bajataa 2018 irratti qooda fudhattoota waliin marii’ateera.

Abbaan Taayitichaa ergama kennameef bu’uura taasifachuun alseerummaa magaalichaa keessatti bu’uuralee misoomaa, weerara lafaa ittisuuf fi kanneen dambii ka’amee cabsan to’achuuf guyyaatti ofiseerota 8100 bobbasee hojjechaa jiraachuu Hojii Gaggeessaa Olaanaan abbaa Taayitaa Kabachiisa Dambii Magaalaa Finfinnee Kumalaa Zarihuun Tafarraa himaniiru.

Haaluma kanaan Abbaan Taayitichaa bara bajataa kana namoota dhuunfaafi dhaabbilee dambiiwwa addaa addaa cabsanii argaman birri miiliyoona 400tti siiquu adabu beeksiseera.

Darbiinsi dambii kan bara darbee waliin waayita ilaalamuus kan bara kanaa dhibbeentaa 68.9 foyyaa’uus kaasaaniiru

Namoota dhunfaa, dhaabbilee mootummaa fi dhaabbileen dhunfaa bu’uuralee misooma gara gararraatti miidhaa dhaqabsiisanii fi dambii darbanii adabaman irraa birriin miiliyoona 300 fi miliyoonni 97 fi kumni 600 galii ta’uu Kumalaa Zarihuun ibsaniiru.

Abbaan taayitichaa hojii dambii kabachiisuun Cinattis hojiilee tola ooltummaa gara garaa birrii miiliyoona 15 hojjechuun itti gaafataummaa hawaasummaa isaas bahuu eeraniiru

Mangashaa Daargeetu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply