Abbaan Taayitaa Kabachiisa Danbii Bulchinsa Magaalaa Finfinnee Istuudiyoo Sagalee fi Viidiyoo eebbisiise

You are currently viewing Abbaan Taayitaa Kabachiisa Danbii Bulchinsa Magaalaa Finfinnee Istuudiyoo Sagalee fi Viidiyoo eebbisiise

AMN PLUS – Fulbaana 6/2018

Abbaa Taayitaa Kabachiisa Dambii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Istuudiyoo Sagalee fi Viidiyoo ijaarsisaa ture xumuruun bakka hoggantoonni magaalaa fi qondaltoonni olaanoon argamanitti eebbisiiseera.

Sirna eebbichaa irratti Hoji raawwachiisaa Olaanaa AMN Obbo Kaasaahun Gonfaa hirmaataniiru

Sagantaa kanarratti haasaa baniinsaa kan taasisan Hoji Raawwachisaa Itti aanaan Abbaa Taayitichaa Obbo Nigaatuu Danyaachawu akka ibsanitti, ergama bulchiinsa magaalaa sirnaan hojiirra oolchuuf magaalattin gochaalee dambii cabsan irraa bilisa akka taatuuf hojiiwwan hubannoo uuman cimsuun hawaasni seer-maleessummaa akka jibbaanif hojii miidiyaa cimsuun barbaachisaa akka ta’e odeeffannoon Abbaan Taayitaa AMN’f erge ni agarsiisa.

Hojii Raawwachiisa Olaanaan AMN Obbo Kaasaahun Gonfaa Dhaabbatichi hojii maqaa garii ijaaraan cimsee hojjechuun yeroo hundaa jijjiiramoota mul’atan fidaa akka jiru ibsaniiru.

Hojii kanaafis halkanii guyyaa osoo hin jedhin hojjechaa kan turan Hoggantoota dhaabbatichaa, hojjettoota dhaabbatichaafi fi ogeessota magaalattii keessa jiran galata guddaa akka qabanis himaniiru.

Yeroon kan odeeffannoo fi kan kominikeeshinii waan ta’eef ijaarsi istuudiyoo kanaa tamsaasa odeeffannoo dabaluu fi hawaasni hubannoo kominikeeshinii akka qabaatu gochuu keessatti gaheen dhaabbatichaa olaanaa akka ta’e ibsuun, itti fufinsaan deeggarsi ogummaa fi teeknooloojii akka barbaachisus Obbo Kaasaahun Gonfaa yaadachiisaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply