Abbaan Taayitichaa oofiisaroota itti gaafatamummaa seeraan itti kenname naamuusa oogummaan alaa bahatan irratti tarkaanfii fudhate

You are currently viewing Abbaan Taayitichaa oofiisaroota itti gaafatamummaa seeraan itti kenname naamuusa oogummaan alaa bahatan irratti tarkaanfii fudhate

AMN PLUS- Hagayya 21/2017

Magaalaa Finfinneetti kabachiistota dambii naamuusa ogummaarra darbuun, namoota daandiirraa seeraan ala daldalan reebuun qabeenyaa isaanii bittinneessan irratti tarkaanfiin seeraa fudhatame.

Hojjettoonni kabachiisa dambii kunneen Addabaabayii Xaafoorratti daldalaa seeraan alaa reebuun, gahee seeraan kennameefirra darbuu isaanii Abbaan Taayitaa Kabachiisa Dambii Magaalaa Finfinnee himeera.

Abbaan Taayitichaa ofiisaroonni hawaasa amanamummaafi kabajaan akka tajaajilan leenjii irra deddeebiin kennaa turuu yaadachiisuun kanarra darbuun naamuusa oogummaan ala warreen hojjetan irratti tarkaanfii eegale cimsee akka itti fufu addeesseera.

Oofiisaroota gocha kana raawwatan irratti ragaa qulqulleessuun himanni akka irratti banamu taasisuus Abbaan Taayitaa Kabachiisa Dambii Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Abbaan Taayitichaas hawaasni ogeeyyii naamusa ogummaa malee socho’an yeroo argu karaa sarara bilbila bilisaa 9995 akka beeksisu waamicha dhiyeesseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply