Af-yaa’ii Buzeenaa Alkadir Kabaja Guyyaa Ayyaana Sabaafi Sablammootaa ilaalchisee koree Qindeessituu waliin mari’atan

You are currently viewing Af-yaa’ii Buzeenaa Alkadir Kabaja Guyyaa Ayyaana Sabaafi Sablammootaa ilaalchisee koree Qindeessituu waliin mari’atan

AMN Plus- Fulbaana 27/2018

Af-yaa’iin Mana Maree Magaalaa Finfinnee Aadde Buzeenaa Al-kadir Kabaja Guyyaa Ayyaana Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Itoophiyaa ilaalchisee dhaabbilee miseensa koree Qindeessituu fi af-yaa’iwwan kutaalee magaalaa waliin mari’ataniiru.

Karoorri kabaja ayyaanichaa kan dhiyaate yoo ta’u ayyaanichi Tokkummaan Sab-daneessummaa bu’uureffate biyya keenyatti akka dagaaguuf kan dandeessisu ta’uu eerameera.

Af-yaa’iin Mana Maree Magaalaa Finfinnee Aadde Buzeenaa Al-kadir ayyaanichi sadarkaa biyyaalessaatti, qindeessummaa Mana Maree Federeeshiniitiin Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaa magaalaa Hosaa’inaatti akka kabajamu eeruun, magaalaa Finfinneettis qindeessummaa Mana Maree Magaalaatiin sirna ho’aan akka kabajamu ibsan.

Koreen qindeessituu olaanaaniifi koreewwan sadarkaan hundaa’an ayyaana tokkummaa kana milkeessuuf gahee isaanii akka bahan hubachiisuu, Odeeffannoon Mana Maree Magaalaa Finfinneerraa arganne ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply