Afriikaan rakkoo misoomaa ishee furuuf Hubannoo Namtolchee (AI)tti haalaan dhimma bahuu akka qabdu Pirezidaantiin Riwaandaa Pool Kaagaamee ibsaniiru.
Pirezidaantichi kana kan ibsan Yaa’ii Afriikaa Ceesisuu 2025 (TAS) Giiniitti adeemsifamaa jiru irratti akka ta’e POA’n gabaaseera.
Kaagaameen AI’N guddina waliigalaa biyya isaanii keessaa gahee % 5 qabaachuu akka malu kaasaniiru.
Keessumaa dameewwan fayyaa, barnootaafi qonna keessatti kalaqa dabaluun gumaachi isaa olaanaa ta’uu ibsanii jiru.
AI’n haala uummata Afriikaa fayyaduun dhimma itti ba’uu ilaalchisee akka hojjamullee Kaagaameen waamicha dhiyeessaniiru.