Ajajaan Bahaa birmadummaa biyyaa kabachiisuu fi nageenya cimsuu itti fufa- Leetinaal Jeneraal Mahaammad Tasammaa

You are currently viewing Ajajaan Bahaa birmadummaa biyyaa kabachiisuu fi nageenya cimsuu itti fufa- Leetinaal Jeneraal Mahaammad Tasammaa

‎AMN PLUS – Hagayya 05/2017

Raayyaa Ittisa Biyyaatti ‎Ajajni Bahaa birmadummaa biyyaa eegsisuuf hojii nageenya cimsuu itti fufeera jechuun Ajajaan Izzichaa Leetinaal Jeneraal Mahaammad Tasammaa ibsaniiru.

‎Ajajaan Bahaa hundeeffama isaa waggaa 48ffaa magaalaa Harar istaadiyeemii Imaam Ahimaditti festiivaala ispoortiin kabajachuu eegaleera.

‎Sirna saaqiinsa ayyaanichaa irratti kan argaman Leetinaal Jeneraal Mahaammad Tasammaa Ajajni Bahaa birmadummaa biyyaa fi nageenyi uummataa kabajamuun ajajoota aarsaa jabaa kaffalan keessaa tokko ta’uu dubbataniiru.

‎Ajajoota biroo waliin ta’uun duudhaa fi amala ummatummaa cimsuun cimee akka itti fufu dubbataniiru.

‎Ajajaan Itti Aanaa Ajajaa Bahaa Meejar Jeneraal Fiqaaduu Tsaggaayee ajajichi dirqama nageenya eeguutti dabalee sagantaa ashaaraa magariisaa biqiltuu dhaabuu fi kunuunsuurratti ummata waliin kan hirmaatan tahuu ibsuu Tajaajila Oduu Itoophiyaa gabaaseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply