Akka Naannoo Oromiyaatti damee hundaan hojii karoora xiiqiin hojjetameen bu’a uummanni irraa fayyadamuu danda’u galmeessuun danda’ame Obbo Shimallis Abdiisaa himan.

You are currently viewing Akka Naannoo Oromiyaatti damee hundaan hojii karoora xiiqiin hojjetameen bu’a uummanni irraa fayyadamuu danda’u galmeessuun danda’ame Obbo Shimallis Abdiisaa himan.

‎AMN PLUS- Adoolessa 12/2017

‎Bara bajataa 2017 keessa mootummaa naannoo Oromiyaatti damee hundaan hojii xiiqii oolaaan hojjatameen bu’aalee dam-daneessa uummanni irraa fayyadamoo ta’e galmeessuun akka danda’amee prizedaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa hima.

‎Caffeen Oromiyaa raawwii hojii bara baajataa 2017 qorachuuf yaa’ii isaa idilee 9ffaa, waggaa 4ffaa, bara hojii 6ffaa magaalaa Adaamaa Galma Caffeetti adeemsisaa jira.

‎Gabaasa Raawwii hojii bara bajataa 2017 miseensoota caffee Oromiyaatiif kan dhiyyeessan obbo Shimallis Abdiisaa, mootummaan harka tokkon hojii nageenyaafi tasgabbii kabachisuu gama biraatiin hojii misooma dam-dandeessaa irratti xiyyeeffannaa addaa itti kenne hojjateen bu’a calaqqee imala badhaadhinaa ta’an milkeessuun danda’ameera jedhan.

‎Sadarkaa naannichaatti hojii nagaafi tasgabbii akkasumas ol’aantummaa seeraa mirkaneessuuf hojii hojjatameen miseensoonni waraana Adda Bilisummaa Oromoo waamicha nageenyaa uummataafi mootummaa fudhachuun gara qabsoo nagaatti akka dhufuu danda’an himaniru.‎

‎Mootummaan naannichaa mul’ata badhaadhina Oromiyaa dhugoomsuuf sektaraalee kan akka qonnaa, barnoota, dinagdeefi damee fayyaa irratti karoora xiiqii hojiitti hikuun bu’a jajjabeessaa hawaasa hunda galeessaa fayyadamoo taasisuu bara bajatuchaatti galmeessun danda’ameera jedhan.

‎Uummata naannichaa karaa iftoomina qabun tajaajila akka argatu taasisuuf mootummaan naannoo Oromiyaa murtee seenaa qabeessa gurmaa’insa mootummaa Gandaa hundeessuuf murteesseen hojii hojjatameen bu’aan ajaaj’ibsiisaan sadarkaa caaseeffama gandaatti dhufuu danda’eera jedhaniru.

‎Seektaraalee dinagdee naannichaa uutabaniifi carraa hojii bal’aa uuman irratti xiyyeeffannaan hojii hojjetameen bu’an qabatamaan dhufuus himan.

‎Obbo Shimallis itti dabaluun haanqinaalee adeemsa hojii karoora bara bajataa 2017 keessatti mudatan adda baasuun ciminoota argaman ammoo itti fufsisuun karoora bara bajataa 2018 keessatti damee hundaan bu’a caalmaa faayidaa uummataa irratti xiyyeeffatee galmeessuuf mootummaan kutannoo olaanaa kan hojjatuu ta’u ibsaniru.

‎Kaasiyyee Maanguddaatu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply