Akkaadaamiin Maariitaayim Itoophiyaa sadaffaan Yuunivarsiitii Arbaa Miincitti banamuufi

You are currently viewing Akkaadaamiin Maariitaayim Itoophiyaa sadaffaan Yuunivarsiitii Arbaa Miincitti banamuufi

AMN – Bitootessa 20/2017

Abbaan Taayitaa Maariitaayimii Itoophiyaa fi Yuunivarsiitiin Arbaa Minci akkaadaamii Maariitaayimii Yuunivarsiitii Arbaa Mincitti banuuf waliigaltee mallatteessan.

Waliigaltichi Abbaan Taayitaa Maariitaayimii kanneen galaanarra hojjetan leenjisee gabaa addunyaaf dhiheessuu fi carraa hojii dabalataa uumuu fi Yuunivarsiitichatti akkaadaamii Maariitaayimii banuuf kan dandeessisuudha.

Akkaadaamiin Yuunivarsiitii Arbaa Minci ‘Inistiitiyuut of Teeknooloojii’ jalatti banamu kun akkaadaamii Baabbogaayyaa fi loojistiiksii Maariitaayimii akkasumas inistiitiyuutii Maariitaayim Tireediing Itiyoophiyaatti aansee kan sadaffaa akka ta’u ibsameera.

Abbaan Taayitichaa Itoophiyaan bara 2022 raawwii lojistiksiin Afriikaarraa adda duree akkasumas kanneen galaanarra hojjetan leenjisuun gabaaf dhiheessuun biyyoota addunyaa shan keessaa tokko akka taatu mul’ata qabachuun beekameera. TOI’tu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply