Waliigalteen Roonaaldoon Kilaba Saa’udii Al-Nassir waliin qabu Waxabajjii 30 kan raawwatu ta’uu hordofee imalli taphataa urjii addunyaa kanaa garam ta’a kan jedhu ajandaa miidiyaalee addunyaa ta’ee ture.
Ta’us daareektarri Ispoortii kilabichaa Fernaandoo Hayeroo ibsa Kamisa har’aa kennaniin Kiristiyaanoo Ronaaldoon kilaba isaanii keessa tursuu akka barbaadan beeksisaniiru.
Kanaaf ammoo Roonaaldoonis fedha qabaachuu ibsaniiru.
Waliigalteerra gahuuf Ronaaldoo waliin dubbataa jiraachuu kan himan Daareekterichi kilabootni addunyaa hedduun Rolaandoo barbaaduu eeruun kilabicha waliin waliigaltee isaa akka haaromsu kan abdatan ta’uu ibsaniiru
Kiristiyaanoo Roonaaldoon dorgommii Pirooliigii Saa’udii bara darbee fi bara kanaan taphataa goolii hedduu lakkoofsise ta’uun xumure.
Taphataan sarara fuulduraa lammii Porchugaal Kiristiyaanoo Roonaaldoo badhaasa baalondoor yeroo 5 injifachuun dhuma bara faranjootaa 2022’tti Maanchister Yuunaayitid gadhiisuun kilaba Saa’udii Al-Nassir’f mallatteessuun isaa ni yaadatama.
Muktaar Abdallaan