Albamiin muuziqaa Weellisaa Leencoo Guddinaa (LG) mata duree “Hibboo?” jedhuun qopheesse Hoteela Iskaayi Laayititti eebbifamaa jira.
Waggaa sadii dura sirba qeenxee “Sin Baasu” jedhuun uummata waliin kan walbare Leencoon sirboota qeenxee biroo “Sin Mararu” fi “Na Komattaaree” jedhu lakkisuun jaalatamummaa guddaa horateera.
Albamiin “Hibboo” sirboota 14 kan qabu yoo ta’uu sirboota aadaa torba fi sirboota yeedaloo ammayyaawoo madaqfaman biroo kan qabu ta’uu himameera.

Sirni eebba Albamichaa guyyaa har’aa bakka jaalattoonni aartii, maatiin, artiistotniifi namoonni bebbeekamoon argamanitti raawwatamaa jira.
Wellisaa Leencoon kana dura AMN Digital waliin turtii addatti taasiseen, albamii jalqabaa kana dhugoomsuuf “Ifaajii waggaa lamaaf walakkaa natti fudhateera” jechuun dubbatee ture.
Gama qindeessuutiin Antenee Tafarra, Efireem Birqinee Urgaa, Latii Olii, Iyyoob Baalchaa yoo hirmaatan, Gama Walaloo fi Yeedalootiin, Leencoo ofii isaa dabalatee Girmaa Tashoomaa, Kee’ol Nagaasaa, Lalisaa Indiris, Zaraa Biruuk, Zeenuu Mahuba, Isqiyaas Mazammiriifi Ibiddoo Galaan hirmaataniiru.