Ambaasaaddar Laggasaa Tulluu (PhD) Pirezidaanti Taayyee duratti dhi’aachuun waadaa seenan

You are currently viewing Ambaasaaddar Laggasaa Tulluu (PhD) Pirezidaanti Taayyee duratti dhi’aachuun waadaa seenan

AMN PLUS- Onkoloolessa 04/2018

Ambaasaaddar Laggasaa Tulluu (PhD) Jibuutiitti Ambaasaaddar aangoo guutuu Itoophiyaa ta’uudhaan Pirezidaantii FDRI Taayyee Atsqa Sillaasee harkaa xalayaa muudama isaanii fudhachuun waadaa seenaniiru.

Ambaasaaddar Laggasaan hojiiwwan hariiroo hunda galeessa Itoophiyaa fi Jibuutii caalatti cimsu akka raawwataniif Pirezidaanti Taayyeen qajeelfama hojii kennaniiru.

Sirna kanarratti Ministirri Dhimma Alaa Geediyoon Xiimootiwoos dabalatee anga’oonni biroo argamuu Odeeffannoon Ministeericharraa arganne ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply