Dhabbanni qorannoo hawaa biyyaalessaa Ameerikaa NASA’n ALA bara 2030tti addeessarratti gabbisa Niwukilara eegaluuf qophii barbaachisu taasisuu ibseera.
Wal morkii dinagdee,Waraanaafi qorannoo hawaa keessaa kan jiran Ameerikaa, Chaayinaafi Raashiyaan qorannoowaan jajjaboo qabatuun gara addunyaatti as ce’uu itti fufanii kan jiran yoo ta’an, Ameerikaan bara 2030tti addeessarratti bakka gabbisa Niwukilara ijaaruuf haal duree hunda xumuruu NASA’n addeesseera.
Karoorri gabbisa Niwukilara addeessarratti akka eegalamuuf yaadame kun, Karoora ijoo yeroo dheeraaf mootummaan Ameerikaa dhala namaa addeessarra qubsiisuuf taasisa turte keessaa milkii tokko ta’uu gabaasaalee Idil addunyaa balballoomsaaniiru.
Yaalii NASA’n taasise guutummatti milkaa’aa kan ta’uuufi seenaa qorannoo hawaa addunyaa keessatti jijjiirama guddaa ta’uu akka malu Saayintistoonni mirkanessaniiru.
Dhaabbatichi Karoora qabate milkeessuuf guyyoota 60 keessatti dhaabbilee warshaa Niwukilara kilowattii 100 ijaaruu akka malus ibseera.
Dorgomtuu biyyattii kan ta’an Raashiyaafi Chaayinaanis bara 2035tti buufata Niwukilara addesssarratti ijaaruuf qophaa’a akka jiran BBC gabaaseera.
Namoomsaa Baalliitiin