Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp waraana Raashiyaafi Yuukireeniin dhaabsisuuf tattaaffii akka godhan ibsaniiru.
Israa’el Tel Avivitti, waraana kana dhaabsisuuf ammallee akka hojjatan kan himan Pirezidaanti Tiraamp, yoo karaan nagaa kunis hin milkoofne misaa’ela “Toomaahaawuk” jedhamu gara Yuukireenitti akka erguu danda’an ibsaniiru.
Meeshaan waraanaa ammayyaa Kiiloo meetira 2,500 imaluu danda’u kun haleellaa Yuukireen taasistuuf gahee olaanaa akka bahatu himameera.
Tiraamp daawwannaa Israa’el booda wayita Ameerikaatti deebi’an, buufata humna qilleensaa isaanii “Air Force One” jedhamutti gaazexessitootaan, gosa misaa’ela kanaa gara Yuukireenitti erguu maltuu? “ jedhamuun gaaffii gaafatamaniif, “Mee ni ilaalla. Misaa’elootni kunneen haleellaa Yuukireen Raashiyaa irratti taasistuuf tarkaanfii haaraadha” jechuun, akka meeshaa waraanaa kana erguu malan yaada akeeku dubbachuu isaani BBC’n gabaaseera.
Pirezidaantiin Yuukireen Voloodmiir Zeleniskii Pirezidaanti Tiraamp wajjin bilbilaan yoo haasa’anis dhimmi irra deddeebiin gaafataa jiran, deggersa meeshaa tahuus himameera.

Pirezidaantotni lamaan Jimaata dhufu Waashingtan DC’tti wal arguun dhimmuma kanaa irratti akka mari’atan eegama.
Zeleniskiin Jimaata gara Waayit Haawus yoo dhaqan, waggaa tokko yeroo hin guutne keessatti daawwannaa isaanii isa 3ffaa ta’a.
Raashiyaan misaa’elotni akkasii Ameerikaa dabalatee eenyuufuu waan balaafamaa ta’eef, “Tiraamp erguu hin qaban, kanas yoo taasisan hariiroo Ameerikaa waliin qaban akka balleessan beekuu qabu” jechuun akeekkachiisaa turteetti.
Gama biraan, milkaa’inni Tiraamp Gaazaatti nagaa deebisuun argatan Yuukireeniifi Raashiyaa jidduuttis akka dabalamu Pirezidaantiin Yuukireen marii bilbilaan Tiraamp wajjin taasisaniin ka’uu Anaadoolun gabaaseera.
Zeleniskiin “qoqqobbiiwwan dabalataa Raashiyaa irra kaa’uun akka daandii nagaatti dhuftu taasisuu mala” yaada jedhu qabu.
Ameerikaan misaa’eloota fageenya dheeraa imaluun barbadeessan ergiti moo daandii nagaa biyyootniifi dhaabbileen idil-addunyaa gaafataa jiran akka milkaa’uuf dhiibbaa taasisti laata?
Malkaamuu Abbabaatiin