AMN Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinnee waliin ta’uun Chaanaalii haaraan AMN PLUS irratti tamsaasa sagantaa Barnootaa televizhinii eegaluf qophaa’e.

You are currently viewing AMN Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinnee waliin ta’uun Chaanaalii haaraan AMN PLUS irratti tamsaasa sagantaa Barnootaa televizhinii eegaluf qophaa’e.

AMNPLUS- Guraandhala 25/2017

Addis Midiiyaa Neetworkiin Biroo barnoota Magaalaa Finfinnee waliin ta’uun tamsaasa sagantaa barnoota gama chaanaalii AMN PLUS tiin eegaluuf qophiin xummuuruu Beeksise.

Dhimma kana ilaalchisuun Hojigaggeessaa olaanaan AMN Obbo kaasahuun Gonfaa fi Hogganaan Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinnee Dr. Zalaalam Mulaatuu waliin ta’uun bakka koreen manaajimantii dhaabbilee lameenii argamanitti ibsa miidiyaaleef kennaniiruu.

AMN magaalattiitti sagantaa barnoonni dhalootaaf jedhuun Damee Barnootaa keessatti hirmaachuun gahee isaa baha jiraachuu kan himan hojigaggeessaa olaanaan AMN Obbo kaasahuun Gonfaa, tamsaasa sagantaa Barnootaa kana qulqullina olaanaan tamsaasuuf qophiin barbaachisu hundi xumuuramuus ibsaniiru.

Hogganaan Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinnee Dr. Zalaalam Mulaatuu, Magaalaa Finfinneetti qulqullina Barnootaa mirkaneessuun lammii beekkumsaafi dandeettiin gahoome horachuuf hojjetamaa jiraachuu eeruun, sagantaan Barnoota television Kun eegaluun isaas galma gama kanaan qabame dhugoomsuu keessatti hiikoo olaanaa qaba jedhaniiru.

Sagantaan Barnoota televeziyoonaa Kun gosa Barnootaa herreegaafi ingilifa yoo ta’uu kutaa 4 hanga 8 afaan sadi jechuun Afaan Oromoo, Afaan Amaaraafi afaan ingiliziin kan barsiisamu ta’a.

Sagantaan tamsaasaa Kun AMN PLUS irratti wixataa hanga jimaataa yeroo hunda galgala sa’aatii 11:00 hanga 2:00 , sambataafi Dilbata ganama sa’aatii 2:00 hanga 6:00 kan darbu yoo ta’u, filmaatilee miidiyaa hawaasaa AMN Fi Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinneetinis argachuun kan danda’amu ta’uu hubanneera.

Màatiin barataa Fi barattoonnis sa’aatii aadda bahe kanatti AMN PLUS filannoo isaanii taasifachuun hordofuu Akka qaban dhaamameera.

Sagantichis Guraandhala 29 bara 2017 irraa eegalee kan eegalamu ta’a.

Sisaay Dirribaatu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply