Taphataan abbaa riikardii goolii Maanchester Yuunaayitid ta’e Waayinii Ruuniin gahumsa Ruuben Amooriim agarsiisaa jiran hadheeffatee qeeqe.
“Amooriim amma waggaa tokko gahaa jira, tapha tokkorraa garuu giddugaleessan qabxii tokkoo gadi argataa jira” jedhe Ruuniin.

Amooriim qabxii kilabicha Pirimiyar Liigii irraa gadi buusu agarsiisaa jira kan jedhe Ruuniin, adeemsa taphaa of danda’e tokkollee argaa hin jirru jedheera.
Leenjisichi rakkoo baramaa Maanchester Yuunaayitid kana hatattamaan furuu baannaan carraan isaa akkuma leenjistoota kaaniiti jedheera.
Tagany Bafiqaaduutiin