Asab osoo hin fudhatin Eertiraaf beekamtii biyyummaa kennuun dogoggora seenaati – Joon Ahimad Abbaa Milkii

You are currently viewing Asab osoo hin fudhatin Eertiraaf beekamtii biyyummaa kennuun dogoggora seenaati – Joon Ahimad Abbaa Milkii

‎AMN PLUS – Hagayya 10/2017

Ulaa Galaana Diimaafi Buufata Doonii Asab osoo hin fudhatin Eertiraaf beekamtii biyyummaa kennuun dogoggora seeraafi seenaa ADWUI’n raawwateedha jedhan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Miseensi Koree Dhaabbii Dhimmoota Hariiroo Alaafi Nageenyaa Joon Ahimad Abbaamilkii.

Obbo Joon Ahimad AMN PLUS Qophii ‘Roga Dubbii’ irratti dhimma Ulaa Galaanaa ilaalchisee yaada kennaniin Itoophiyaan yeroo 4f Karra Galaana Diimaa dhabdee yeroo 4 itti deebi’uushee yaadachiisu.

Kana dura sababa humnoota koloneeffattootaatiin Karri Galaanaa irraa mulqamaa turullee, kan yeroo xumuraa garuu dogoggora seeraafi seenaati jedhu.

“Akka seeraatti yoo ilaalle mootummaan bara 1985 Eeritiraaf beekamtii biyyummaa kenne mootummaa ce’umsaati malee mootummaa heeraan hundaa’e miti” kan jedhan Obbo Joon Ahimad, akka seera idil addunyaatti mootummaan ce’umsaa tokko biyya biraatiif beekamtii walabummaa kennuu hin danda’u jedhan.

Mootummaan filannoo uummataafi heera bu’uureffatee hin hundoofne waliigaltee daangaa idil-addunyaa raawwachuu waan hin dandeenyeef Itoophiyaan gaaffi ulaa galaanaa seera qabeessa gaafachaa jirti jedhaniiru.

Ulaa Galaanaa seeraan argachuun osoo danda’amuu ariifannaan beekamtii biyyummaa kennuun, murtoo dogoggoraa uummata Itoophiyaarratti raawwatame ta’uu kan ibsan Obbo Joon Ahimad, dogoggorri seeraafi seenaa kun seerumaan wal’aanama jedhu.

‎Itoophiyaan imaammata hariiroo alaa biyyoota ollaaf dursa kennu hordofti kan jedha Miseensi Mana Maree kun, falaasamni kennanii fudhachuu jedhu Itoophiyaafis hojjechuu akka qabu kaasan.

Itoophiyaan qabeenya bishaanii biyyoota ollaa ishee waliin akkaa qooddattu imaammata baafattee keessatti ifatti kaa’uu eeruun, bishaan qulqulluufi humna ibsaa biyyoota ollaafi aaddunyaaf yoo kennituu daldalaaf ammo ulaa galaanaa argachuun mirga isheeti jedhan Obbo Joon Ahimad Abbaamilkii.

Itoophiyaan Galaana Diimaarra KM 60 qofa fagaattee ulaa yeroo dhabdetti biyyoonni 14 garuu fageenya KM kumaan lakkaa’amurraa dhufanii irraa fayyadamaa jiru jedhaniiru.

‎Kanaafuu, gaaffiin seera qabeessi Itoophiyaan gaafattu kun seeraanis seenaanis fudhatama kan qabu ta’uu akeekaniiru.

Shuumii Badhaasootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply