Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa boru eegalu irratti meetira 800’n Itoophiyaa bakka bu’uuf kan turte Atileet Dirribee Waltajjiin dawaa si’eessituun walqabatee qorannoo taasisuu diduusheen dorgommichaan ala taate.
Daayirektarri olaanaan Abbaa Taayitaa Farra Dawaa Si’eessituu Itoophiyaa Obbo Mokonnon Yidersaal “Dhimmichi yeroo dheeraaf ilaalamaa ture, qorannoof gaafatamtee fedhii waan dhabdeef Dorgommiicharraa dhorkani” jedhan.