Atileetota Itoophiyaaf haalli mijataan yoo uumame dorgommi kamiyyu injifachuu akka danda’an Atileet Ibraahim Jeeylan dubbate

You are currently viewing Atileetota Itoophiyaaf haalli mijataan yoo uumame dorgommi kamiyyu injifachuu akka danda’an Atileet Ibraahim Jeeylan dubbate

AMN PLUS- Waxabajjii 24/2017

Atileet Ibraahim Jeeyilaan turtii addattii AMN PLUS waliin tasiseera.

Bara 2011 akka lakkofsaa awuroppaa shampiyonaa atiletksii addunyaa Deeguu irrattii adeemsifameen meetiraa 10,000n atilleti biyyaa Ingilaand Mohammad Faaraah waliin morkii ol’anaa tasisuun xumuraa irrattii injifannoo gonfachuun maqaa biyyaa isaa wamsisuu kan danda’ee yeroo dheeraaf atletksii irraa fagaachuu himuun amma garuu gara shakalattii akka deebi’ee dubbatera.

Atileet Ibraahim Jeeyilaan itti dabaluun amma fageenya dheeraa kessumaa maratonii irrattii xiyyefatee hojechaa akka jirus himeeraa

Shampiyonaa atiletksii addunyaa bara 2013 Mooskoo irrattii medaliyaa birri biyyaa isaaf kan argamsisee Atileet Ibraahim atletonnii itoophiyaa umamaan jabinnii qaban atletotaa biroo irraa addadha, jabinaa qaban sana irrattii yoo ofitti amanamumaa qabatan injifachuuf salphadha jechuunis dubbatera

Atileetota biyya keenyaaf haalli mijataan yoo uumame dorgomii kamiyyuu injifachuu akka danda’an Atileet Ibraahim Jeeylan dubbateera.

Shampiyonaa atiletksii bara 2025 Japan Tokiyoo irrattii gaggefamuuf atiletonnii keenyaa qabxii gaarii galmessuuf jabinaa fi dadhabinaa atletotaa ciccimoo jedhaman kan biyyaa biroo ilaluu qabu ,sana boddee bifa sayinsawaa ta’een shakalaa adeemsinaan injifachuuf qaamni isaan dhorkuu tokkoyuu hin jiru jechuun atletotaa itoophiyaaf dhaameraa

Rabbirraa Hirphaatu gabaasee

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply