Shaampiyoonaan Atileetiksi Addunyaa erga eegalamee guyyaa 7ffaa isaa kan qabate yoo ta’u atileetotni Itoophiyaa fageenyawwan lamaan ni dorgomu.
Dhiirotaan fiigigicha gulaallii meetira 5000’tiin Itoophiyaan Haagoos G/hiwoot, Biiniyaam Mahaarii fi Kumaa Girmaatiin ni hirmaatti.
Haagoos G/Hiwat fi Kumaa Girmaa ramaddii tokkoffaa keessaatti yoo argaman, Biiniyaam Mahaarii ramaddii lammaffaatiin dorgoma.
Dorgommii sa’aatii 8:00 irratti adeemsifamuun atileetotni Sadanuu gahumsa gaarii irratti waan argamaniif gulaallii kana ni darbu jedhamee eegama.
Dhiirotaan meetira 5000 dorgommii xumuraa dilbata sa’a 7:45 irratti raawwata.
Meetira 800’n dubartootaan xumuraaf darbuuf Tsigee Dhugumaa fi Warqinash Massalee ni hirmaatu. Dorgomichis sa’a 8:45 irratti jalqabama.
Gulaallii jalqabaa Tsigee Dhugumaa 1ffaan, Warqinash Massalee immoo sadarkaa 3ffaa qabachuun xumuruun isaanii ni yaadatama.
Shawaangizaaw Girmaatiin