Gamtaan Afriikaa (AU) fi Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii (UN) nagaa, tasgabbiifi misooma waaraa mirkaneessuuf hariiroo qaban daran cimsuun waliin hojjachuu akka itti fufan beeksisaniiru.
Yaa’ii waloo 9ffaa Niiwyoorkitti taasisaniin Komishinarri AU Maahmuud Alii Yuusuf, Bareessaa Olaanaa UN Antooniyoo Guuterees waliin dhimmoota akka nagaa, cehumsa dijitaalaa, jijjiirama qilleensaafi guddina Afriikaa hunda hirmaachisu irratti mari’achuun hariiroo isaanii cimsuun waliin hojjachuu akka itti fufan mirkaneessuu isaanii POA’n gabaaseera.