Awustiraaliyaan baatii Fulbaanaa keessa mootummaa Paalastaayiniif beekamtii kennuuf akka jirtu beeksiste.
Awustiraaliyaan tarkaanfii walfakkaataa UK, Faransaay fi Kaanaadaan fudhatan hordofuun murtoo ishee beeksisuutu dhaga’ame.
Baatii Fulbaanaa dhufu keessa yaa’ii waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irratti Paalastaayiniif beekamtii akka kennitu Muummichi Ministiraa Antoonii Albaaneez ibsaniiru.
Niwu Zilaandis Awustiraaliyaa hordofuun waa’ee beekamtii kana yaadaa jirti jedhame.
Tarkiyeen gama isheen biyyoonni Musliimaa wal-ta’uun karoora Israa’el Gaazaa to’achuuf qabdu dura akka dhaabataniif waamicha dhiyeessitee jirti.
Gama biraatiin Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii walgahii ariifachiisaa taa’een karoora Beenjaamiin Netaaniyaahuu qeeqeera.
Qeeqa kana hordofuun Netaaniyaahuun waraana kana xumuruuf karoorri duula Gaazaa karaa hundarra gaarii ta’uu ibsaniiru.
Himata Israa’el lammiilee Gaazaa mana hidhaatti hidhaa jirti jedhus haaleera jechuun BBCn gabaaseera.
Neetaaniyaahuu ibsa gaazexessitootaaf kennaniin Israa’el lolicha itti fufuu ka barbaaddu Gaazaa Haamaas irraa saffisaan bilisoomsuuf qofaaf akka ta’e ibsaniiru.
Muummichi Ministiraa Israa’el jiraattota Gaazaa beelaan adabuuf fedhii akka hin qabnes ibsaniiru.
Biyyootni miseensa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ta’an UK, Faransaay fi kan biroon Israa’eliin Seerota idil-addunyaa faallessite jechuun ibsaniiru.
Denmaark, Griikii fi Slooveeniyaan Israa’el karoora Gaazaa to’achuu akka jijjiirtu yoo gaafatan, lammiilee Israa’el Gaazaa keessatti ugguramanii jiranitti haala jiru daran kan hameessu akka tahe hubachiisaniiru.
Chaayinaafi Raashiyaanis karoora Israa’el kana balaaleffataniiru.
Madda: BBC
Daraartuu Tarreessaatiin