Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ayyaana Iid Alfaxiir waggaa 1446ffaa sababeeffachuun hojjettoota, hooggansa, kontiraaktarootaafi gorsitoota hojii misooma kooriidarii irratti hirmaatan waliin bakka hojiitti kabajneerra jedhan.
Kantiibaa Adaanech Abeebee ergaa karaa miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin qaamolee guyyoota ayyaanaafi boqonnaa osoo hin boqotin biyya ijaaruufi hiyyummaa keessaa bahuuf carraaqan hunda maqaakoofi bulchiinsa magaalichaatiin nan galateeffadha jedhan.
Ayyaanichi kan nagaa, jaalalaa, gammachuufi walii yaaduu akka ta’u nan hawwa jedhaniiru.