Kabaja Ayyaana Irreechaa irratti hanqinni geejjibaa akka hin uumamne qophiin barbaachisaa ta’e taasifamuu Ministeerri Geejjibaafi Loojistiksii beeksiseera.
Gorsaan Deetaa Ministiraa Geejjibaafi Loojistiksii Obbo Asaffaa HaaddiisFulbaana 24 fi 25 bara 2018 Irreecha Hora Finfinnee fi Irreecha Hora Harsadeetti kabajamu sababeeffachuun rakkoon geejjibaa akka hin mudanneef Ejensiiwwan Geejjibaa Oromiyaa, Finfinnee, Pablik Sarvisii fi Daandii Baaburaa Itiyoo-Jibuutii wajjin qindaa’uun akka qophiin taasifame ibsaniiru.

Keessumaa Irreecha Hora Harsadee Bishooftuutti kabajamu irratti keessummootni hirmaatan buufataalee konkolaataa Finfinneetti argaman ja’aan; Buufata Konkolaataa Finfinnee guddaafi xiqqaa, Askoo, Ayyar Xeenaa, Qaallittii, fi Laambarat irraa gara Bishooftuutti Imaluun akka danda’an haalli mijachuu ibsa ministeerichi kenneen beeksiseera.
Labuu irraa hamma Bishooftuutti baaburri imaltoota ayyaanichaaf dhufan geejjibsiisuuf baaburri qophaa’uu eeruun Pablik sarvisiin konkolaataawwan 50 imaltoota gara baaburaatti geessu ramaduu ibsaniiru.
Buufataalee konkolaataan alattis bakkeewwan ka’umsaa garaa garaa irraa imaltoota ayyaana irreechaa geejjibsiisuuf qophiin taasifamuu hubachuu isaa TOI gabaaseera.