Dhaabbanni Qeeraa Magaalaa Finfinnee ayyaana bara haaraaf foon qulqullina qabuufi fayyummaan isaa eegame hawaasa magaalichaaf dhiyeessuuf qophii barbaachisu xumuruu isaa hubachiiseera.
Dhaabbatichatti Itti Gaafatamaan Quunnamtii Ummataa Obbo Ataakilti G/ Mikaa’el ibsa gaazexessitootaaf kennaniin, ayyaana kanaaf horiin qalmaa kuma 5tti tilmaamamu gara dhaabbatichaatti seenu jedhamee eegamuu ibsuun, kanaafis qophiin barbaachisu xumurameera jedhan.
Hawaasni magaalichaas qalma karaa seeraan alaa taasifamurraa of eeggachuu akka qabu dhaamaniiru.
Komishinii qonnaan bulaafi misooma qonna magaalaa Finfinneetti Komishinarri itti aanaan Doktar Tsaggaa Lammaa, Foon qeeraawwanitti qalamuuf qorannoon fayyummaa barbaachisaan kan taasifamu ta’uu eeruun, hawaasni foon fayyummaan isaa eegame qeeraarra akka fayyadamuufi daldaltoota qalma seeraan alaa raawwatan irratti eeruu akka kennu waamicha dhiyeessaniiru.
Wayita qalmi raawwatamus gogaaf of eeggannoo olaanaan taasifamuu akka qabu dhaamaniiru.