Ayyaanni Irreechaa duudhaa isaa eegee ho’ee akka kabajamuuf qophiileen addaddaa taasifameera

You are currently viewing Ayyaanni Irreechaa duudhaa isaa eegee ho’ee akka kabajamuuf qophiileen addaddaa taasifameera
  • Post category:Aadaa
  • Post comments:0 Comments

‎AMN PLUS-Fulbaana 20/2018

‎Ayyaanni Irreechaa duudhaa isaa eegee ho’ee akka kabajamuuf qophiileen addaddaa taasifamuu himame.

‎Kutaa magaalaa Lidataatti ”Irreechi olka’iinsa Biyyaaf” mata duree jedhuun kan kabajamu Ayyaana Irreechaa bara 2018 haaldureewwan irratti mari’atameera.

‎Saganticha irratti kan argaman Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Finfinneetti Hoogganaa Itti aanaafi Itti gaafatamtuun damee siyaasaa aadde Alamtsahaayi Shifarraa fakkeenya tokkummaa fi jaalalaa kan ta’e ayyaana Irreechaa yeroo kabajnu akka biyyaatti imala Badhaadhinaa eegalame itti fufsiisuuf dhaloota dhufutti idaa otuu hintaane miindaa dabarsuun ta’uu akka qabu dubbataniiru.

‎Itti dabalaniis ayyaanicha irratti hirmaachuuf biyya keessaas ta’e biyya alaatii keessummoota dhufaniif qophii dursaa godhameef ilaalchisee hundumaaf galatatu mala jedhaniiru.

‎Hoji raawwachisaan kutaa magaalaa Lidataa Aadde Li’ilti Gidayi gama isaaniitiin Irreechi kan jaalalaa, dhiifamaa fi ayyaana waloominaa ta’uu kaasaniiru.

‎Anuwaar Ahimaditu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply