Ayyaanni Irreechaa miidhaginaan akka kabajamuuf jiraattonni Finfinnee tumsa akka taasisan waamichi dhiyaate

You are currently viewing Ayyaanni Irreechaa miidhaginaan akka kabajamuuf jiraattonni Finfinnee tumsa akka taasisan waamichi dhiyaate

AMN PLUS – Fulbaana 18/2018

Ayyaana Irreechaa sababeeffachuun sosochiin ispoortii hawaasa magaalaa Finfinnee hirmaachise mata duree “Irreechaa Obbolummaaf” jedhuun Kutaa Magaalaa Eekkaa Addababa’ii Diyaaspooraatti geggeeffame.

Hogganaan Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Magaalaa Finfinnee Obbo Balaayi Dajan, Irreechi dhuudhaasaatiin miidhagee akka kabajamuuf hawaasni magaalaa Finfinnee gaheesaa akka ba’atu waamicha dhiyeessaniiru.

Irreechaan kan tokkummaa, waloomaafi obbolummaa waan ta’eef duudhaa aadaa isaatiin akka kabajamu dargaggoon Finfinnee akka tumsanis waamicha dhiyeessaniiru.

Irreechi Hora Finfinnee Fulbaana 24, Hora Harsadee ammoo Fulbaana 25 kabajama.

Salamoon Baqqalaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply