Abbaan Murtii Idil-addunyaa Baamlaak Tasammaa Wayyeessaa hojii kubbaa miillaa taphachiisuurra akka of baasan xalayaa FIFAf barreessan.
Taphoota gurguddoo waltajjii Afriikaafi addunyaatti taphachiisuun dinqisiifannaa guddaa nama horatanidha.
Waancaa Addunyaa, Waancaa Afriikaa, Dorgommii CHAN, Shaampiyoonsi Liigii Afriikaa, Waancaa Konfedereeshinii, Waancaa Kilaboota Addunyaafi Dorgommii Olompiikii irratti taphoota murteessoo taphachuisuun maqaa Itoophiyaa waamsisaa turaniiru.
Waltajjiilee gurguddoo kanneen irratti Itoophiyaa bakka bu’uun tajaajiluutti kabajni akka itti dhagahamu eeruun carraa FIFAn laateefiif galateeffachaa hojii abbaa murtii kubbaa miillaa akka dhaaban xalayaa ifaan beeksisuu odeeffannoon Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaarraa arganne ni mul’isa.