Baarseloonaan Riyaal Maadriid Injifachuun Shaampiyoonaa Koppaa Deelarey ta’e.

You are currently viewing Baarseloonaan Riyaal Maadriid Injifachuun Shaampiyoonaa Koppaa Deelarey ta’e.

AMN PLUS – Ebla 19/2017

Boqonnaan dura olaantummaa taphaa kan fudhatan gareen Hansii Filiik goolii Peedriin daqiiqaa 28ffaarratti lakkoofsiseen xumuran.

Tapha boqonnaa boodaan teessoo jijiirraarraa dirree kan seenee Kiliyaan Imbaappee gooliin daqiiqaa 70ffaa irratti akkasumas Chuwaamiiniin daqiiqaa 77ffaarratti lakkofsisan warra Luusbilaankootti abdii hortee turte.

Ta’us gooliin Feeraan Toorees daqiiqaa 84ffaarratti lakkoofsise sa’aan idilee qixaan akka xumuramu taasisuun taphichaan daqiiqaan akka dabalamu tasise.

Tapha xiiqiin guutame kanaan gooliin Juules Kuundee daqiiqaa 116ffaarratti saaphanaan gahe ammoo Riyaal Maadriidiini abdii kan kuttee fi Shaampiyoonummaa kilaba kaatalaan kan labsite taatee galmoofteetti.

Taphichaan dursanii murtessaa taphichaarratti komii dhiyeessaa kan turan gareen Kaarloo Anchoolotii Riyaal Maadriid gocha dhuma taphichaa irratti taphattoota teessoo jijjiirraa irraa turan dabalatee gara dirree seenuun raawwatanii fi murteessaa taphichaa irratti agarsiisaniif ittisaa kilabicha Antooniyoo Rudigar dabalatee Luukas Vaaskuweez fi Juudee Beeliingihaam adabbii kardii diimaaf saaxilamaniiru.

Antoonii Rudigar haleellaa murteessaa taphichaarratti yaaleef federeeshinii kubbaa miilaa Ispeeniin adabbiin cimaa isa mudachuu mala jedhameera.

Barseloonaan Koppaa Deelarey marsa 32ffaaf yoo mo’atu yaaliin Riyaal maadriid marsaa 21ffaaf waancicha injifachuuf ture osoo hin milkaa’iin hafeera.

Muktaar Abdallaan

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply