Baatiiwwan sadan darban gama nageenya Finfinnee waaressuun hojiin milkaa’aan hojjetameera- Aadde Liidiyaa

You are currently viewing Baatiiwwan sadan darban gama nageenya Finfinnee waaressuun hojiin milkaa’aan hojjetameera- Aadde Liidiyaa

‎AMN PLUS-Onkoloolessa

‎Biiroon Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinneefi Abbaa Taayitaa kabachiisa Danbii Magaalaa Finfinnee raawwii hojii kurmaana tokkoffaa bara 2018 irratti mari’atan

‎Raawwiin hojii kurmaana tokkoffaa Biiroon Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinneefi Abbaa Taayitaa kabachiisa Danbii Magaalaa Finfinnee olaanaa ta’uu Hooggantuun Biiroo Bulchiinsaa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaa ibsan.

‎Kurmaana tokkoffaa kana keessa taateewwan gurguddoon baay’een Magaalaa Finfinneetti raawwatamuu kan dubbatan Aadde Liidiyaan taateewwan kunneenis qindoomina qaamolee nageenyaafi hirmaannaa hawaasatiin milkaa’inaan xumurame.

‎Taateewwan kanneen akka Yaa’ii jijjiirama qilleensaa Afrikaa 2ffaa, kabaja guyyoota qaammee, Eebba Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaafi hiriira gammachuu guutuu biyyaatti taasifame milkaa’inaan akka raawwatame ibsaniiru.

‎Tokkummaafi obbolummaa sabootaafi sablammootaa kan jabeessan akkasumas maqaa gaarii Itoophiyaa addunyaatti kan mul’isan Ayyaannonni Masqalaafi Irreechaa kan uummanni miiliyonaan irraatti hirmaate haala ho’aafi duudhaalee isaanii eeggataniin akka kabajame yaadachiisaniiru.

‎Milkaa’inni kunis qindoomina qaamolee nageenya fi uummataa akkasumas Magaalaa shaggar waliin dhimmoota nageenyaa irratti hojjechuun akka dhufe Aadde Liidiyaan ibsaniiru.

‎Dabalataanis teeknoolojii deeggaramuun hojiin bu’a qabeessa ta’e akka hojjetame himaniiru.

‎Bu’uuraalee misooma kooridariifi misooma qarqara laggeenii eeguuf hubannoo hawaasaa cimsuu irratti hojiin hojjetame kan kurmaana tokkoffaa bara darbee waliin yoo madaalamu kan baranaa olaanaa akka ta’ees ibsaniiru

‎Zallaqaa Oljirraatu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply