“‎Baga hojjanne, hojiifi abdiin galaa Itoophiyaati” Pireezidaant Taayyee Atsiqasillaasee

You are currently viewing “‎Baga hojjanne, hojiifi abdiin galaa Itoophiyaati” Pireezidaant Taayyee Atsiqasillaasee

‎AMN PLUS- Fulbaana 4/201‎

‎Hidhi Haaromsaa miira injifannoo kaleessaa, ogummaa hoggansa har’aa fi ifa egeree kan agarsiisu ta’uu Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsqasillaaseen himan.

‎Hiriira deeggarsaafi gammachuu, addabaaabaayii Masqalaatti ganama kana adeemsifame irratti, hidhi Haaromsaa madda anniisaa baay’isuun, dhiyeessii humna Elektiriikii waliingahuurra darbee karoorri Badhaadhinaa eegalee kan ittiin galma gahu tahuu himaniiru.

‎Pireezidaanti Taayyeen “hiikkoon Hidha haaromsaa keessumaa haadholii maraaf, deebii imimmaanii fi eebba isaaniiti” jechuun dubbatan.

‎”Baga hojjanne, hojiifi abdiin galaa Itoophiyaa’ti” kan jedhan pireezidaantichi olka’iinsa ishee mirkaneessuuf hojiin guddachuun murteessaa ta’uu ibsuun “Amma Itoophiyaaf ifatu bahe” jechuun ergaa Baga gammaddanii isaanii dabarsaniiru.

‎Pireezidaantichi, “Hidhi haaromsaa miiira ciminaa kaleessa ture kan mirkaneessu, ogummaa har’a qabnu kan mul’isuufi ifa borii kan agarsiisu seenaa guddaadha” jechuun, Itoophiyaanotni qoratanii, hojjatanii, argatanii, bu’aa irraa argatanis akka qoodan raggaasisuu isaa himaniiru.

‎Miira gargaaramtummaa ofirraa baasnee yoo darbanne akka dandeenyu hojii mul’ise kana hojii biroonis itti fufna kan jedhan, Pireezidaanti Taayyeen, biyyootni ollaa, akka qooda isaanii bahatanis yaadachiisaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply