Bajanni Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee kan bara bajataa 2018 Birrii Biiliyoona 300 fi biiliyoona 50 ta’uun raga’eera.
Manni Maree Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee yaa’ii idilee 4ffaa guyyoota lamaaf taa’aa tureen bajata magaalaattii raggaasuun xumurameera.
Sadaraka Kantiibaa Itti Annaatti Hoogganaan Biiroo Faayinaasii Magaalaa Finfiinne Obbo Abdulqaadir Reedwaan Wixinee bajataa 2018 bulchiinsa magaalichaa mana marichaaf bal’inaan dhiheessaniiru.
Manni marichaas wixinee bajataa dhihaate irratti erga mari’atee booda sagalee guutuun mirkaneesseera.
Tolasaa Mabraateetu gabaase