“Bakka galaanaa keessan to’achuuf qophaa’aa” Fiild Maarshaal Birhaanuu Juullaa

You are currently viewing “Bakka galaanaa keessan to’achuuf qophaa’aa” Fiild Maarshaal Birhaanuu Juullaa

AMN PLUS- Qaammee 1/2017

Waggootii 33 booda gara guddummaa duraaniitti deebi’uuf Waajjirri Olaanaan Humna Galaanaa Itoophiyaa bifa haaraan ijaaramuun eebbifame.

Waajjiricha kan eebbisiisan Itaamaajoor Shuumiin Humnoota Waraanaa Itoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juullaan “Gara guddummaa keessan duraaniitti waan deebitaniif baga gammaddan” jedhan.

Fiild Maarshaal Birhaanuun furtuu waajjirichaa Ajajaa Humna Galaanaa Itoophiyaa Riil Admiiraal Kinduu Gazzuutti kennaniiru.

“Isin waqtii gaabbii uummata keenyaa hambisuuf hojjetamaa jirutti waan deebitaniif, yeroo kamittuu bakka galaanaa isiniif malu qabachuuf qophaa’aa” jedhan Fiild Maarshaal Birhaanuu Juullaan.

Waajjirri olaanaan kun qaama Riifoormii Raayyaa mootummaan eegalee ta’uus akeekuu Odeeffannoon Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply