AMN PLUS Guraandhala 19/2017
Balaan abiddaa kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo Aanaa 2 Naannoo Kaarraa Qoree bakka ‘Biqilaa Mannaafashaa’ jedhamuun beekamutti mudatee ture to’annoo jala ooluu isaa Komishiniin Hoggansa Abidaa fi Balaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee beeksiseera.
Balaan abixdaa kun guyyaa keessaa sa’aatii 9:33 kan mudate yoo ta’u gutumaatti to’atameera.
Sababa balaa mudateen lubbuu namaaratti miidhaan kan hingeenye ta’uu odeeffannoon Komishinicharraa argame ni mul’isa.