AMN Plus Onkoloolessa 05, 2018
Hoogganaan Biiroo Fayyaa Magaalaa Finfinnee Dr Yohaannis Caalaa, tajaajila Inshuuraansii Fayyaa Hawaasaa ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennaniin, bara 2018 Onkoloolessa 1 hanga Sadaasa 30’tti galmee tajaajila Inshuuraansii Fayyaa Hawaasaa haaraa fi kan duraan ture haaressuun buufataalee fayyaa aanolee hundatti akka gaggeeffamu beeksisaniiru.
Hangi kaffaltii tajaajila Inshuuraansii Fayyaa hawaasaaf kaffalamus akkaataa galii jiraattota magaalaa Finfinnee yaada keessa galchuun kan raawwatamu ta’uu Dr Yohaannis ibsanii, bu’uuruma kanaan hangi kaffaltii miseensa haaraa fi kan duraan turaniif birrii 1500-10,500 akka ta’e hubachiisaniiru.
Dabalataanis Jiraattota magaalittii galii gadi aanaa qabaniifi kaffaltii tajaajila Inshuuraansii Fayyaa Hawaasaa kaffalachuu hin dandeenyeef ammoo Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee baasii isaanii guutummaan guutuutti kan uuwwisu ta’uufi biliisaan tajaajila yaala fayyaa manneen qorichaa mootummaatti akka argatan eeraniiru.
Miseensonni haaraan galmeef gara buufataalee fayyaa naannawaa isaanii wayita deeman, Waraqaa eenyummaa jiraataa magaalaa Finfinnee ta’uu ibsu, Waraqaa Inshuuraansii Fayyaa duraan yoo qabaatan akkasumas baankii deemuun nagahee ittiin galii raawwatan qabatanii dhihaachuu akka qaban Dr Yohaannis dhaamaniiru.
Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.