Bara bajataa 2017tti hojiilee qindoominaan hojjetamuu isaatiin nageenyaa waarawaa mirkaneessuun daldala seeran alaa ittisuu irratti bu’awwaan gurguddoon galma’uu himame.
Waltajjiin waliinii Biiroo Bulchiinsaa Nageenya fi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee fi Wajjira Bulchiinsaafi Nageenyaa Magaalaa Shaggaar Magaalaa Bishooftutti ta’amaa jira.
Nageenya Magaalaa Finfinneefi Magaalaa Shaggaar amansiisaa taasisuuf Biiroon Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee fi Waajjirri Bulchiinsaafi Nageenyaa Magaalaa Shaggaar qindoominaan hojjechuun bu’aan qabataman magaaloota lammeen keessatti muldhachuu danda’eeraa.
Hojii qindoominaan hojjetameen abjuufi kayyoon humnoota nageenya magaalota lameeni boreessuuf socho’aani fashaleessuun danda’ameera jedhame.
Hooggantuun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Aadde Lidiyaa Girmaa nageenyaa warawaa Magaalaa Finfinnee fi hojiilee bulchiinsi Magaalaatti fayyadamummaa jirattoota mirkaneessuf hojjeetu milkeessuu keessaatti gaheen qindoominan hojjeechuu Magaalaa Finfinnee fi Shaggaar shoora olaanaa qabachuu himan.
Rawwii hojii Bara bajaataa 2017 Biiroo Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinneefi Wajjira Bulchiinsaafi Nageenyaa Magaalaa Shaggar bakka kaantibaan Magaalaa Shaggar Tashoomaa Addunyaa (Dr.) fi hooggantonnii olaanoo biroon argamanitti gamagamuun kallatti bara hojii 2018 irratti mari’atamaa jira.
Leensaa Hordofaatu gabaase.