Akka biyyaalessaatti bara kana lammiilee miiliyoona 4.5 caalaniif carraan hojii uumuu Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.), ibsa Miseensota Mana Maree Bakka Bu’ootaaf taasisaniin himaniiru.
Ministirri Muummee Abiyyi (Dr.) gaaffilee Miseensota Marichaan kahaniif deebiifi ibsa kennaniiru.
Ibsa isaaniin lammilee miliyoona 4.5 caalaniif carraan hojii uumamuu hubachiisuun kanaanis dhibbeentaa 39 kan tahan namootni miliyoona 1.8 damee qonnaan hojii argachuu akeekan.
Gama biraan damee tajaajilaan lammileen miliyoona 1.6 ykn dhibbeentaa 35’f carraan hojii uumuu, lammilee kuma 800 fi kuma 60 dhibbeentaa 15 ta’aniif damee indaastiriin, lammiileen kuma 500tti tilmaamaman hojii biyya alaatti boba’uufi kuma 60 immoo as ta’anii hojii fagoo hojjecha akka jiran Ministirri Muummee eeraniiru.
Tolasaa Mabraateetiin