Barataan qabxii gadi aanaa fide manaa ari’ame

You are currently viewing Barataan qabxii gadi aanaa fide manaa ari’ame

AMN PLUS, Adoolessa 09/2017

Chaayinaatti barataan qabxii gadi aanaa galmeesse maatii isaan manaa ari’amuun ifoomeera.

Dhimmichi giddugaleessa Chaayinaatti kan mudate yoo tahu barataan maqaan isaa Shaawukaay jedhamu bu’aa qormaataa seensa yuunivarsiitii qabxii gadi aanaa fiduun maatii isaanitiin manaa ari’amuudha kan ibsame.

Maatiin baratichaa itti dadhaban barsiisan bu’aa qormaataa mucaan isaanii galmeesseen baay’ee aaruun manaa ari’uun kan ibsame yoo ta’u koodii seensa mana jireenya isaanii itti jijjiiruu dabalatee deeggarsa maallaqaas irraa dhaabuun ifoomeera.

Gochi maatii isaan baraticharratti raawwate yaada namootaa bakka lamatti kan qoode yoo ta’u, muraasni tarkaanfii sirrii yoo jedhan warreen biroo ammoo gonkuma ta’u hinqabu jechuun qeeqaniiru.

Haata’uuti akka maatiin baratichaa ibsanitti, Shaawukaay barataa cimaa kan ture yoo ta’u bultii keessa erga moobaayilii harkaa fayyadamuu eegalee qayyabachuu caalaa yeroo isaa moobaayilii tuttuquurratti akka dabarsuu ibsuun sababni guddaan qabxii gadi aanaa galmeesseef dhibbaa sana ta’uu akka amanan gabaasni barruu ‘South China Morning Post’ akeekeera.

Iddoosaa Abdiitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply