Barsiisonni fi Barattoonni Magaalaa Finfinnee Mannen Barnoota adda addaa irraa walitti dhufan Giddugala Koonveenshinii Idil Addunyaa Addis daawwatan

You are currently viewing Barsiisonni fi Barattoonni Magaalaa Finfinnee Mannen Barnoota adda addaa irraa walitti dhufan Giddugala Koonveenshinii Idil Addunyaa Addis daawwatan

AMN PLUS- Guraandhala 28/2017

Barsiisonni fi Barattoonni Magaalaa Finfinnee Mannen Barnoota adda addaa irraa walitti dhufan Giddugala Koonveenshinii Idil Addunyaa Addis daawwataniiru.

Guyyota muraasa dura MM Abiyyi Ahimad fi Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen eebbifamee tajaajilaaf banaa kan ta’e giddugalli guddichi Koonveenshinii Idil Addunyaa Addis guyyaa har’aa barsiisonni fi barattonni daawwatameera.

Barsiisonni fi barattoonni daawwannaa kana irratti hirmaatan yaada kennaniin, giddugalli kun dandeettii kalaqaa si’eesuun dorgomtummaa biyya keenyaa dirree addunyaa irratti kan mirkaneessu yoo ta’u, dhaloonni haaraan yaada haaraa fi kalaqa haaraa gumaachuun dhaabbatichaaf gumaacha taasisuu qaba jechuu isaanii odeeffanoon Waajjira Kantiibaa irra argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply