Koreen Dhaabbii Dhimmoota Lafaa fi Hojiilee Ijaarsaa Magaalaa Finfinnee Biiroo Misoomaafi Bulchiisa Lafaa Magaalichaatti Hojiilee Hojjetaman Ilaalaa Jira.
Mana Maree Magaalaa Finfinneetti koreen Dhaabbii dhimmoota Lafaa fi Hojiilee Ijaarsaa Magaalichaa, raawwii hojii ji’oottan kurnan darban Biirichaan hojjetaman irratti gabaasa dhaggeeffateera.
Gabaasicha keessatti biirichatti tajaajila si’ataafi qulqullina qabu dhiyeessuun hojiiwwan riifoormiidhaan hojjetaman, tajaajila teeknolojiin deeggaruuf hojiiwwan hojjetaman, ciminaafi hanqina turan, xiyyeeffannoon hojii gara fuula duraa ka’ameera.
Biirichi ji’oottan kurnan darban qofatti lafa heektaara 1280 oli tajaajila garagaraafi kaafamtoota misoomaaf dabarfamuu gabaasa kana keessatti kan eerame, yoo tahu galiin mootummaa birrii biliyoona 14tti siqus walitti qabamuun erameera.
Miseensonni Koree Dhaabbii Dhimmoota Lafaa fi Hojiilee Ijaarsaa Magaalaa Finfinnee guyyaa har’aa gamaggama taasisaniinis biirichi hojii cimina mul’isan akka itti fufsiisuufi hanqinoota mul’ataniifi komii hawaasa biraa ka’u furuuf xiyyeeffannoo guddaa kennee hojjechuu akka qabu yaada bal’aa kaasaniiru
Darajjee Bayyanaatu gabaase