Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Jiraattonni Kutaa Magaalaa Nifaas Silk Laaftoo mata-dure “Dhaabuun Bayyanachuu” jedhuun sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo adeemsisaa jiru.
Sadrkaa Kantiibaa itti Annaa Hojii gaggeessa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi Hojii Raawwachiistuu Kutaa Magaalaa Nifaas Silk Laaftoo, humnoonni nageenyaa, abbootiin amantaa fi jiraattonni kutaalee hawaasaa adda addaa irraa dhufan sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo Seminaara Makkaanniisaa Makaane Yasus keessatti adeemsifamaa jiru irratti hirmaatan.
Jiraattonni kutaa magaalichaa ganama barii sa’aatii 12 irraa eegalee saganticha irratti hirmaachuun biqiltuu miiliyoona 700 akka biyyaatti guyyaa tokkotti dhaabuuf karoora qabame galmaan gahuuf biqiltuu dhaabaa jiru.
Sadarkaa Kantiibaa Itti Aanaatti Hoji-geggeessaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Injinar Wandimmuu Seettaa biqiltoonni har’a dhaabnu egeree ijoollee keenyaa fi biyya keenyaaf bu’uuradha jechuun ibsaniiru.
Itoophiyaa magariisa taasisuuf hojii hojjetameen uwwisni magariisaa haalaan dabaleera jechuun ibsaniiru.
Injinar Wandimmuu Seettaa, biqiltuu dhaabame kunuunsuunfi hojiin uumama kunuunsuu cimee itti fufuu qaba jechuun dubbatan.
Hoji-gaggeessituu Olaantuun Bulchiinsa Kutaa Magaalaa Nifaas Silk Laaftoo Aadde Kaabaa Mabraatuu gama isaaniitiin bara kana Kutaa Bulchiinsa Magaalichaa keessatti biqiltuun miiliyoona walakkaa ol dhaabamuu isaa eeruun, har’as biqiltuun kuma 53 akka dhaabame ibsaniiru.
Milkaa’ina hojii kanaafis buufataaleen biqiltuu 28 jiraachuu ibsanii, biqiltuu dhaabuu bira darbee misoomsuun karoora qabame galmaan ga’uuf ciminaan kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.
Habtaamuu Mul’ataatu gabaase.