Bishaan Oromoof jireenya- Obbo Tamasgeen Xurunaa

You are currently viewing Bishaan Oromoof jireenya- Obbo Tamasgeen Xurunaa

‎AMN PLUS- Fulbaana 7/2018

Uummata Oromoo uumama akka qaroo ijasaatti kunuunsuufi misoomsuu beekuuf Hidhi Haaromsaa hiika addaa akka qabu Ministirri Muummee Itti Aanaa Tamasgeen Xurunaa ibsaniiru.

‎Hidha Haaromsaa laga keenya guddicha, Abbayya, irratti ijaarameef hiriirri deeggarsaa har’a magaalota garaagaraa Naannoo Oromiyaa keessatti bahame gammachuurra darbee humna gamtaan hojjachuu kan agarsiisu akka ta’e himaniiru.

‎”Bishaan Oromoof jireenyasaa, aadaasaa, seenaasaafi duudhaawwansaa akka sabaatti qabu keessatti bifa eenyummaasaa waliin kan hidhata guddaa qabudha” jedhan Obbo Tamasgeen.

‎Sagaleewwan hiriira deeggarsaa kanneen irratti dhaga’amanis dharraa misoomaa, nagaa barbaaduu fi hawwii jabaa ida’amuudhaan baUummata ra bayyanannaa Itoophiyaa injifannoowwan hedduudhaan cimsanii dhaabuuf onnachiisan akka ta’an hubachuu isaanii odeeffannoon miidiyaa hawaasaa isaanii irraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply